Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni FM Faanaa Naqamtee 96.1 dhiiga arjooman

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Hojjettoonni FM Faanaa Naqamte 96.1 Guyyaa har’a dhiiga arjoomaniiru.

Hojjettoonni kunneen lubbuu haadholii yeroo da’umsaa dhangala’uu dhiigaatin darbu baraaruuf dhiiga arjoomaniiru.

Qindeessaan Baankii dhiiga damee Naqamtee obbo Geetachoo Asfaaw, Dhiiga akka malee dhangala’e bakka buusuuf kan fayyadu yoo ta’u, lammiilee sababa hanqina dhiigaan rakkatan kamiifillee kan oolu ta’uu himaniiru.

Hojjettoonni Fm Faanaa Naqamtee 96.1 dhiiga guyyaa haraa arjoomanis namni kamiyyuu karaa danda’uu hundumaan lammii isaa baraaruu qaba jedhaniiru.

Dhiiga arjoomuun lubbuu nama tokkoo baraaruu caalaa wanti nama gammachiisu akka hin jirres kaasaniiru.

Efreem Malkaamuutu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.