Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee miiliyoona 13 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jira- Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Mootummaan guutuu Ityoophiyaatti  Lammiilee miiliyoona 13 fi kuma dhibba 4 oliif deeggarsa namoomaa dhiyaachaa jiraachuu Ittaanaan Komishinaraa Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Aydiruus Hasan ibsan.

Deeggarsa mootummaan taasisu cinaatti dhaabbileen namoomaa idil addunyaa naannolee garaagaraaf deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan naannoo Affaar, Amaaraa, Beenishaangul Gumuz fi naannolee birootti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi namoota midhaan irraa gaheef deeggarsa nyaataa, meeshaalee, qorichaa fi kanneen biroo taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Komishinichis deeggarsa kanneen dhaqabsiisuuf ogeeyyii bobbaasuunii fi giddugalawwan  hundeessuun itti gaafatamummaa isaa ba’achaa jiraachuu kaasaniiru.

Naannoo Tigraayiif deeggarsi dhiyaatu qindoomina dhaabbiilee deeggarsaa Idil Adduunyaan dhaqabaa kan jiru ta’uu fi mootummaanis deeggarsicha qindeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:-  DhPI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.