Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Kaameeruun hojii Doolaara Sobaa maxxansuurratti bobba’anii turan to’ataman

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Boolee iddoo addaa Istaadiyeemii haaraa jedhamuun waamamutti lammiileen Kaameeruun hojii Doolaara Sobaa maxxansuurratti bobba’anii turan to’atamuu ibsameera.
Tajaajilli Tika Nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa fi Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee itti dhiyeenyaan hordoffii taasiisaa turuun namoota dhuunfaa kanneen harkaa fi harkatti to’achuu eeraniiru.
Shakkamtoonni kunneen nama dhuunfaa tokkorraa Birrii kuma 85 ol fudhachuun Doolaara sobaa maxxansan laachuuf wayita qophiirra turan harkaaf harkatti to’atamuu ibsameera.
Gama biroon meeshaaleen waranaa garaa shororkeessaa ISIS jedhamuuf dhiyaachuuf ture naannoo Oromiyaa Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaatti to’atamuu eerameera.
Miseensonni garichaa 10 ol ta’an meeshaalee kanneen waliin ta’atamuu ibsameera.
Duula sakattoo gaggeeffameen Kilaashiin 6 rasaasa 850 waliin to’atamuu himamera.
Meeshaalee fi miseensota garee shororkeessaa kanneen to’annoo jala oolchuuf Tajaajilli Tika Nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa fi Komishiniin Poolisii Oromiyaa qindoominaan hojjechaa turuu maddeen DhPI wabeeffachuun gabaase ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.