Fana: At a Speed of Life!

Hojmaanni qaamolee gabaa seeran alaarratti bobba’an gaafachiisu diriiruu Baankiin Biyyaalessaa beeksiise

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Hojmaata qaamolee gabaa seeran alaarratti bobba’an gaafachiisu qaamolee haqaa waliin ta’uun diriirsuu Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiiseera.
Koreen dhaabbii dhimmoota Pilaanii, Baajaataa fi Faayinaansii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoota yeroo itti aanu hojjetamanirratti hoggantoota Baankii Biyyaalessaa waliin mari’ataniiru.
Baankiin biyyaalessaa daballii gatii tasgabbeessuu, Baankoota seera Baankii biyyaalessaa darban to’achuu, Baankoota sababa walitti bu’iinsaan barbadaa’an deebisaanii ijaaruu fi tajaajila liqaa irratti hojii hojjetamanii fi kallattii yeroo itti aanu ilaalchisee koree dhaabbichaaf ibsa taasiiseera.
Damee qonnaaf liqaan laatamuu akka danda’uuf qajeelfamni yeroo dhiyoo hojiirra ooluu Bulchaan Baankii Biyyaalessa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dasseen himaniiru.
Bulchiinsa sharafa alaa ammayyeessuuf hojiin riifoormii hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni muul’isa.
Baankoonni sababa waraanaan barbadaa’an akka haaraatti ooditii taasiisuun tajaajila akka jalqaban ergaa dabarsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.