Fana: At a Speed of Life!

Wareegamni kabaja biyyaaf kaffalamaa jiru dhalonni seenaa Adwaa irra deebiin galmeessuuf qophaa’e jiraachuu agarsiisa – Hoggantoota Olaanaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Wareegamni birmadummaa biyyaa kabachiisuuf kaffalamaa jiru dhalonni seenaa Adwaa irra deebiin galmeessuuf qophaa’e jiraachuu kan agarsiisu ta’uu Hoggantoonni Olaanaan naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin turtii taasiisan ibsaniiru.
Dhiyeessii midhaan nyaataa oomisha biyya keessan uwwisuuf fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaaf xiyyeeffannoo olaanaan kennamuu sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaan Horataalee mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.
Wareegamni lammiileen Ityoophiyaa biyya keessaa fi alaa taasiisaa jiran kan dinqisiifamu ta’uu Dooktar Girmaan kaasaniiru.
Adda hundaan moo’chuuf qabsoo barbaachisu taasiisuun dirqama ta’uu eeraniiru.
Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf wareegamni kaffalamaa jiru dhalonni seenaa Adwaa irra deebiin galmeessuuf qophaa’e jiraachuu agarsiisa jedhan.
Lammiilee buqqa’an qa’ee isaaniitti deebisuu fi qabeenya mootummaa fi dhuunfaa barbadaa’an deebisaanii ijaaruun hojii eegalchiisuuf hirmaanaa olaanaan kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon garee shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa fi uumattoota ishee diinagdeen burkuteessuuf hojjechaa jiraachuu hogganaan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa naannoo Amaaraa obbo Qalamawarq Mihirat ibsaniiru.
Garichi qabeenya nama dhuunfaa fi mootummaa saamuun kan hafe ammoo lammata tajaajilaaf akka hin oolletti barbadeessuu eeraniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.