Fana: At a Speed of Life!

Fedhiin Ameerikaan Ityoophiyaarra qoqqoobbii biroo kaa’uuf qabdu balaa hamaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Fedhiin Ameerikaan Ityoophiyaarra qoqqoobbii biroo kaa’uuf qabdu balaa hamaa ta’uu Giddu galli Nageenyaa fi Haqaa Rookii Maawunteen ibseera.
Qoqqoobbii fi giddu seentummaan Ameerikaan Ityoophiyaarra keessu kamiiyyuu daraan hammaataa ta’uu Giddu galli Nageenyaa fi Haqaa Rookii Maawunteen ibseera.
Giddu galichi qoqqoobbii diinagdee fi giddu seentummaa kamiiyyuu Ameerikaan Ityoophiyaa fi biyyoota Baha Afrikaa biroorra keessu daraan kan balaaleeffatu ta’uu himeera.
Ameerikaan olola garee shororkeessaa ABUT kan deeggartuu fi meeshaalee garaagaraas tumsaa jiraachuu ragaa qabaachuu giddu galichi eereera.
Giddu galichi tarkaanfiin humnaa Ameerikaan Kooriyaa, Veetinaam, Libaanoos, Somaaliyaa, Niikaaraaguuwaa, Hayitii, Sarbiyaa, Iraaq, Liibiyaa, Afgaaniztaan, Sooriyaa fi biyyoota birratti fudhatee miidhaa hammataa fi rakkoo tasgabbii cimaa uumuun ala bu’aan argamsiise kan hin jirre ta’uu ibseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.