Fana: At a Speed of Life!

Jilli Injinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu godina Gujii Lixaa aanaa Abbaayaatti facaasaa jallisii eegalchiise

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Jilli Ministira jallisii fi Misooma Gammoojjii Injiinar Ayishaa Mohammadiin durfamu hidha jallisii Gidaaboo daawwachuun hojii facaasaa jallisii jalqabasiiseera.
Hidhaan Gidaaboo yeroo tokkotti lafa hektaara kuma 13 jallisiin misoomsuu danda’a jedhame.
Proojektiin kun Gidaaboo kun naannoo Oromiyaatti lafa hektaara kuma 8, naannoo Sidaamaatti ammo lafa hektaara kuma 5 jallisiin misoomsuu kan misoomsu ta’uu Ministirri Ministeera Jallisii fi Misooma Naannoo Gammoojjii Injiinar Ayishaan ibsaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Jallisii fi Misooma Gammoojjii Dooktar Birihaanuu Leenjisoon Itoophiyaan wabii nyaataan of akka dandeechuuf misooma jallisii boneerratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Misooma jallisii fi Horsiisee Bulaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Masaay Daani’el bona kana naannoo Oromiyaatti lafa hektaara kuma dhibba 4 ol jallisiin misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka Godina Gujii Lixaatti bona kana lafa hektaara kuma 11 ol jallisii boneen misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu OBN gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.