Fana: At a Speed of Life!

Sosochii Afrikaan mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii akka argattuuf eegalametti Afrikaanonni akka makaman gaafatame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Sosochiin ardiin Afrikaa mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii akka argattuuf eegalame qabsoo bilisummaa, walqixxummaa fi haqummaa ta’uu Yuunvarsiitii Niwyoorkitti barsiisaa fi qorataan siyaasaa fi seenaa Afrikaa Dooktar Shimallis Boonsaa ibsan.

Sosochiin kun qaama qabsoo addunyaa haaraa fi haqa qabeessa uumuu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaan qabsicha haala qindoomina qabuun gaggeessuun dhiibbaa gama maraa Afrikaarra ga’u hambisuuf hojjechuu akka qabdu ibsaniiru.

Gaaffiin Afrikaan mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii argachuu qabdi jedhu kan yeroo dheeraa ta’uu fi gaaffii haqummaa fi walqixxummaa ta’uu eeraniiru.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa biroon gaaffii kana gaafachuun isanii yaada haqummaa fi walqixxummaa biyyootaa irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa haalli siyaasa addunyaa jijjiiramee waan jiruu fi humnoonni baay’een uumamanii waan jiraniif carraan gaaffichi fudhatama argachuu qabuu olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Sochii biyyoonni Afrikaa naannawaa daldalaa bilisaa uumuu dabalatee gama diinagdee fi siyaasan walitti makamuuf eegalan mul’ata waloo uumuuf faayidaa waan qabuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu himaniiru.

Qabsoon taasifamu hunda galeessaa fi yeroo dheeraa kan gaafatu ta’us Afrikaanonni tokko taanaan injifannoon akka ba’an ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.