Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Humna Elektirikaa Ityoophiyaa lammiilee naannoo Afaarii buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 3 taasiise

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Tajaajilli Humna Elektirikaa Ityoophiyaa lammiilee naannoo Afaarii buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 3 taasiiseera.

Dhaabbatichi kana duras Birrii miiliyoona 61 ol Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiisuun aantummaa isaa agarsiisuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Shifarraa Taliilaan ibsaniiru.

Misooma hunda galeessaa naannichaa saffisiisuuf hojiin ijaarsa bu’uuraalee misooma Elektirikaa si’oominaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT abjuu naannoo Afaarii fi Amaaraa weeraruuf qaburraa ka’ee lammiilee nagaarra miidhaa bal’aa qaqqabsiisuu Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan ibsaniiru.

Garichi Humna naannoo Afaarii qabu akka fudhatee hin baane Raayyaan Ittisaa, humni addaa naannoo Afaar fi milishaan naannichaa injifannoo boonsaa galmeessuu himniiru.

Maddi:- TIO

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.