Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT sarara daddabarsa humna elektirikaa Kombolchaa hanga Samaraa jirurraa miidhaa Birrii miiliyoona 52 olitti tilmaamamu qaqqabdiisuu ibsame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT sarara daddabarsa humna elektirikaa Kombolchaa hanga Samaraa jirurraa miidhaa Birrii miiliyoona 52 olitti tilmaamamu qaqqabdiisuu Humni Elektirikii Ityoophiyaa beeksiise.

Bu’uuraalee misoomaa garichi miidhaa olaanaa irra qaqqabsiise keessaa Sararri daddabarsa humna elektirikaa Kombolchaa – Samaraa isa tokko ta’uu ibsameera.

Yeroo ammaa hojiin suphaa sararichaa % 60 irra qaqqabuu Humna Elektirikii Ityoophiyaatti hojii raawwaachiisaan Damee Oppireeshinii Tiraanismiishinii obbo Haabtaamuu Wuubee ibsaniiru.

Meeshaaleen barbadaa’aan gariin sharafa alaa kan gaafatan ta’uus hojii qophii duraa saffiisaan raawwaachuun gara suphaatti galamuu himaniiru.

Hojjettoonni 150 ol sararicharratti ramadamuun hojii suphaa gaggeessaa jiraachuu himuun, xumura torbee kanaa hojiin suphaa ni xumuramaan kan eggamu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.