Fana: At a Speed of Life!

Fiinlaand Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 4.1 akka taasiftu beeksifte

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Fiinlaand Ityoophiyaatti lammiilee deeggarsa barbadaaniif Yuuroo miiliyoona 4.1 sagantaa nyaata addunyaa Ityoophiyaaf akka arjoomtu beeksifteetti.

Fiinlaand Ityoophiyaatti sagantaa nyaata mana barnoota dhaabbatichaa deeggaruuf Yuuroo miiliyoona 1 akka taasiftuus ibsiteetti.

Kanaan wal qabsiisee sagantaa nyaata addunyaa deeggarsa taasifameef galateeffachuu fuula miidiya hawaasa isaan ibseera.

Gama biraatin Swiidiinii fi UNICEF Ityoophiyaa  lammiilee walitti bu’iinsa miidhamaniif deeggarsa taasisuuf waliigaltee mallateessan.

Bu’urumaa waliigaltichaatin Swiidiin deeggarsa maallaqaa dabalata Yuuroo miiliyoona 1.23 buqqatoota naannoo Amaaraa kuma 23 ol deeggaruuf karoorsuudha kan ibsameera.

Swiidiin dhaabbata deeggarsa UNICEF Ityoophiyaa waliin  ta’uun buqqatoota naannoo Tigraay, Affaarii fi Gambeellaatti argamaniif deeggarsa taasisaa jiraachuu ragaan Ityoophiyaatti kan argamuu Imbaasii Swiidiin irraa argame ni muul’dhisa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.