Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Barnootaa olaanoon garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Barnootaa olaanoon garaagaraa akaakuu fi maallaqaan Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Yuunvarsiitiin Adaamaa Birrii miiliyoona 30 deeggarsa taasiisuu Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa fi Walitti qabaan Yuunvarsiitiwwan Oromiyaa Dooktar Lammoo Gootaa ibsaniiru.
Deeggarsi eegalame hanga duulli birmadummaa xumuramutti kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnees meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 20tti tilmaamamu Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiiseera.
Yuunvarsiitiin Amboos deeggarsa kana dura taasiisaa tureen dabalata Birrii miiliyoona 24 akaakuu fi maallaqaan deeggarsa taasiiseera.
Preezdaantoonni Yuunvartiitoota kanneenii deeggarsicha Ministir Deetaa Raayyaa Ittisaa Aadde Maartaa Luuwiijiif laachuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.