Fana: At a Speed of Life!

ABUT FM Faanaa buufata tamsaasa Dassee saamuu fi barbadeessuu ibsame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT FM Faanaa buufata tamsaasa Dassee saamuu fi barbadeessuu ibsameera.
Garichi wayita magaalaa Dassee fi naannawaa ishee weeraree turetti bu’uuraalee misooma buufatichaa haala gaddisiisaa ta’een barbadeessuu fi Saamuu Faanaa Broodkaasting Korporeetiitti hojii gaggeessaa olaanaan Buufata FM Dassee obbo Zaruu Kaffalanyi ibsaniiru.
Damricharratti saamichaa fi miidhaa olaanaa raawwachuu obbo Zaruun ibsaniiru.
Buufatichi jiraattoota Shawaa Kaabaa gariin, Afaarii fi naannawaa Baha Naannoo Amaaraaf odeeffannoo kan laatu ta’uu kaasaniiru.
Garichi dhaabbaticha faayidaan ala taasiisuurra darbee meeshaalee biyya keessatti argamuu hin dandeenya fi daraan qaalii ta’an saamuu fi barbadeessuu eeraniiru.
Meeshaalee barbadaa’an kanneen ariitiin bakka buusuun buufaticha hojii jalqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Zaruun himaniiru.
Meeshaalee barbadaa’aan saffisaan bakka buusuun buufaticha gara hojiitti galchuun tajaajila odeeffannoo laachuu akka eegaluuf kan hojjetamu ta’uu Daayreektarri Qindeessaa Buufataalee naannolee obbo Salamoon Gammadaan himaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT dhaabbilee miidiyaa magaalaa Dasseetti argaman biroos bifuma walfakkaatuun barbadeessuu ibsameera.
Yisimaaw Adaraatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.