Fana: At a Speed of Life!

Caasaaleen Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Jaarmiyaalee Dubartootaa Oromiyaa galaa qopheessaa turan Raayyaa Ittisaaf laataa jiru jedhame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Caasaaleen Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Jaarmiyaaleen dubartootaa Oromiyaa Galaa qopheeessaa turan Raayyaa Ittisa Biyyaaf laachaa jiraachuu Preezdaantiin Federeeshinii Dubartootaa Oromiyaa Aadde Askaalee Lammaa ibsan.
Jaarmiyaalee dubartootaa sadarkaan jiranii fi waajjiraalee dhimma dubartootaa sadarkaan jiran marsaa sadiin galaa gala kuntaala kuma 2 fi 623 ol Birrii miiliyoona 37 olitti tilmaamamu qophaa’ee Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaqqabsiifamaa jiraachuu Aadde Askaalee Lammaa dubbataniiru.
Hanga ammaatti marsaa sadiin mokoronii,paastaa fi ruuzii otuu hin dabaliin gala kuntaalli kumni 2 fi 623 qohaa’uu isaa himaniiru.
Dhiigni yuuniitii kumni 2 fi 500 dubartootaan arjoomamuu isaas eeraniiru.
Sosochiin gala qopheessuu eegalame hanga xumuraatti kan itti fufu ta’uu Itti Aantuu hoggantoonn Biiroo Dhimma Dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa Aadde Sarkaalem Saakumeen himaniiru.
Dubartoonni Galaa qopheessuu fi dhiiga arjoomuu qofa otuu hin ta’in hanga adda waraanaatti duuluun wareegama lubbuu kalfalaa jiraachuu aadde Sarkaaleem himaniiru.
Godinni Godina Baalee, Baalee Bahaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa,Magaalaa Mojoo,Lagaxaafoo,Duukam fi Suluultaan galaa qopheessaa turan har’a laachuu ragaan BDhKMNO irraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.