Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaatti lafa hektaara kuma 26 ol jallisii Boneen Qamadii misoomsuun eegalame

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti lafa hektaara kuma 26 ol jallisii Boneen Qamadii misoomsuun eegalamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.
Hojii duula birmadummaa biyyaa kabachiisuu hojjetamaa jiru cinaattti oomishaa fi oomishtummaa qonnaa duddisuuf hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa obbo Geetahuun Nigaatuu ibsaniiru.
Bara kana aanaalee Gammoojjii 15 keessatti lafa hektaara kuma 26 ol irratti Qamadii Jallisii Boneen misoomsuun eegalamuu dubbataniiru.
Hanga ammaatti lafti hektaarrii kumni 3 sanyiim uwwifamuu kaasaniiru.
Misooma Jallisii Bonee kanarratti qonnaan bultoonni kumni 38 ol hirmaachaa jiraachuu fi callaa kuntaallii miiliyoonni 1.4 kan eegamu ta’uu eeraniiru.
Aanaa Baabbileetti qofa lafa hektaara kuma 1 kilaasteeran misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri 200 sanyiin uwwifamuu itti aanaa Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanichaa obbo Abduusaalaam Mahaammad ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.