Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qopheessummaashee yaa’ii bulchiinsa intarneetii 17ffaa Poolaandiirra ifatti fudhatte

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Yaa’iin bulchiinsa intarneetii 16ffaan Poolaandiitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Xumura yaa’ichaarrattis yaa’ii bulchiinsa intarneetii 17ffaa bara 2015 gaggeeffamuu qopheessuuf Ityoophiyaan ifatti Poolaandiirra fudhateetti.

Ministir deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii aadde Huuriyaa Alii, fooramii yerootti aanuu Ityoophiyaan qopheessituu rakkoo intarneetii fi bu’uraalee misoomaa Afrikaa furuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Yaa’iin bara kana yerootti weerara vaayrasiin koroonaa qormaataa ta’ee fi sababa weerararichaaf filannoowwan teeknooloojii diijitaalaa filatamoo ta’aaniiru jedhan.

Ityoophiyaan yaa’ii intarneetii 17ffaa milkiin xumuruuf ejjennoosheen qabdu ibsaniiru.

Yaa’icharrattis dhimmi Afrikaa haala olaanaan akka muul’atuuf ni hojjetamaa jechuusaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.