Fana: At a Speed of Life!

Biyya midhaan nyaataan of dandeeche uumuuf misooma sululaa fi eeggumsa naannoof xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Oomishaa fi Oomishtummaa Qonnaa guddisuun Biyya midhaan nyaataan of dandeeche uumuuf misooma sululaa fi eeggumsa naannoof xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeera Qonnaa beeksisee.

Waltajjii Sosochii misooma Sululaa bara kanaa jalqabaa har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Misoomni Qabeenya uumamaa midhaan nyaataan of danda’uurra darbee birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf shoora olaanaa qabaachuu.

Dhiqamni, Asiidummaan Biyyoo dabaluu, Ciramni Bosonaa, dheedumsii fi qubannaan seeraan alaa baba’achuun mancaatii qabeenya uumaaf sababa olaanaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Proofeesar Iyyaasuu Eeliyaas ibsaniiru.

Sababa kanaan Ityoophiyaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu dadhabuun deeggarsa biyya alaarraatti maxxantee jiraachuu kaasaniiru.

Haala jiru kana jijjiiruu fi birmadummas biyyaa kabachiisuuf misooma sululaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu Proofeessar Iyyaasuun himaniiru.

Hojiin misooma sululaa bara 2014 baatiii Amajjii kan ergalamu ta’uu ibsaniiru.

Injifannoo dirree waraanarratti galmeessine hojii qabeenya uumamarrattis galmesssuu qabna jedhaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.