Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Raashiyaan waliin hariiroo cimsuun humna raayyaa ittisaa ammayyeessu ni barbaaddi – Ambaasaddar Alamaayyoo Taganuu

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan Raashiyaan waliin hariiroo lameenii cimsuun humna raayyaa ittisaa ammayyeessu akka barabaaddu Raashiyaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamaayyoo Taganuu ibsan.

Ambaasaddar Alamaayyoo Taganuu Ityoophiyaan Raashiyaan waliin hariiroo cimsuun raayyaan ittisaa hojii nagaa kabachiisuu fi shoroorkeessumaa ittisuurratti ammayyeessuu akka barbaaddu himaniiru.

Ityoophiyaa fi Raashiyaa damee raayyaa ittisaan marii lameenii baatii Faranjoota Sadaasarra tasisaniiru.

Marii taasifameen dhimmoota garagaraa waliigalteerra kan ga’ame ta’uu kan kaasaan ambaasaddarichi marii walfakkaatu Finfinneetti akka gaggeeffamu ibsaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.