Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha daandiirraa Ispeenii fi Meeksiikootti gaggeeffameen Atileetonni Ityoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Fiigicha daandiirraa xumura torbanii Ispeenii fi Meeksiikootti gaggeeffameen Atileetonni Ityoophiyaa milkaa’aniiru.

Maaraatoonii Maalaagaa Ispeenitti gaggeeffameen atileet Tsigeenesh Makonnin 1ffaa yoo baatu, Yaayinabaabaa Ijjiguu 2ffaa Maarituu katamaa ammoo 5ffaa bahuun xumurteetti.

Dorgommii maraatoonnii Guwaadaalaajaaraa Meeksiikootti gaggeeffameen dhiirotaan atileet Daraaraa Dassaalany 1ffaa yoo ba’u, Tsaggaayee Dabalaa 6ffaa, Muusaa Baaboo ammoo 8ffaa ba’uun dorgommicha xumuraniiru.

Dorgommii dubartootaan ammoo atileet Almaaz Nagadaa sadarkaa 3ffaa ba’uun xumurteetti.

Dorgommii walakkaa maraatoonii Baahireenitti gaggeeffameen dhiirotaan Jamaal Yimar 6ffaa, Haftuu Takluu 8ffaa, Bookii Dirribaa 9ffaa bahuun dorgommicha xumuraniiru.

Dubartootaan Gooyitoom Gabrasillaasee 1ffaa, Hawwii Fayisaa 6ffaa, Bosanaa Mulaatee 8ffaa, Daawwit Siyyum sadarkaa 9ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.