Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Kaabaatti jiraattoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 10 fayyadamoo tajaajila Inshuraansii Fayyaa hawaasaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaatti jiraattoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 10 ol tajaajila Inshuraansii Fayyaa hawaasaarraa fayyadamoo ta’uu ibsameera.
Godinichatti bara 2013 jiraattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 97 fi 751 miseensa yoo ta’an, Birriin miiliyoonni 40 walitti qabamuu himameera.
Bara 2014 miseensota kuma dhibba 2 fi kuma 20 ol horachuuf hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godinaa Shawaa Kaabaa obbo Laaschaaloo Haymaanot dubbataniiru.
Hojiiwwan Inshuraansii Fayyaa galmaan ga’uuf miseensa horachuu irraa hanga fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuutti Qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Godinni Shawaa Kaabaa sochii hojii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaan akka naanootti godina badhaafamaa turee fi muuxxannoon gaarii qabu ta’uu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaan godinichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.