Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen garaagaraa adda waraanaatti argamuun raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) –Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa magaalaa Finfinnee fi Korporeeshinii Misoomaa Indaastirii raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 28 olitti tilmaamamuu taasisaniiru.

Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa magaalaa Finfinnee raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 18 olitti tilmaamamuu taasiseera.

Deeggarsichas kan laataani walitti qabaan mana marichaa obbo Muluugeeta Abbabaa, raayyaa ittisa biyyaa cinaa dhaabbachuu keenyaa asitti argamuun muuldhisneerra jedhan.

Haaluma wal fakkatuun korporeeshinii misooma indaastirii deeggarsa akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsichas adda waraanaatti argamuun kan laatan hojii raawwachiisaan korporeeshiniicha obbo Sandookaan Abbabaa, korporeeshichi deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf taasisuu cimsee akka itti fufuu himaniiru.

Bisiraat Mangistuutu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.