Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni naannoo Amaaraa raayyaa ittisa biyyaatti akka makaman waamichi dhiyaate

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) –Dargaggoonni naannoo Amaaraa  Raayyaa Ittisaa Biyyaatti makamuun brimadummaa biyya isaanii eegsisuu qabu jedhan gorsaan Nageenyaa biyyaalessaa Muummee Ministira obbo Gadduu Andaargaachaw.

Dargaggoonni naannoo Amaaraa kutaa garaagaraa irraa walitti babba’aan  haala waqtaawaa biyyaa fi naannichaarratti Magaalaa Baahir Daaritti mari’ataniiru.

Waltajjii kana irrattis Obbo Gadduu Andaargaachoo fi Leteenaal Jeneraalaa Hassan Ibraahimii akkasuma hoggantoonni naannicha biroon argamaniiru.

Obbo Gadduun haasaa waltajjicharratti taasisaniinis yakkaa fi ajjeechaa gareen shororkeessa ABUT lammiilee nagaarratti raawwachuu, qabeenyas barbaadeessuus himaniiru.

Dargaggoonnis Raayyaa Ittisaa Biyyatti makamuun brimadummaa biyyaa isaanii eegsisuu qabu jedhan.

Leteenaal Jeneraal Hassan Ibraahim gama isaaniin diina biyya diiguuf dhufe hanga dhumaatti dhabamsiisuuf dargaggoonni  Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuus qabu  jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.