Fana: At a Speed of Life!

Indaastiriin uffataa oomisha isaa gabaa biyyaa alaaf dhiyeessuun karooraan  milkeessuu danda’eera- Ministeera Indaastirii

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) –Indaastiriwwan uffataa oomisha isaanii gabaa biyyaa alaaf baatiwwan shanan darbanitti dhiyeessuun karoora qabamee ol % 120 milkeessuu danda’uu isaanii Ministiirri, Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal himan.

Ministirrichi Adaamaa fi Mojootti argamuun oomishaa Indaastiriwwan uffataa daawwataniiru.

Baatiwwan shanan darbanittis indaastiriwwaan uffataa gurguddaafi xixiqqaa 80 gahan oomishaa isaanii gabaa biyyaa alaaf dhiyeessuus himan.

Kunis gara fuuladuratti yoo irratti hojjatame carraan isaan diinagdee biyyaa utubuuf qaban guddaadhas jedhan.

Kanaafis rakkoo gama kanaan walqabatee jiru furuun gumaacha isaan diinagdee biyyaa keessatti qaban cimsuun ni barbaachisaas jedhaniiru.

Kaayyoon daawwannichas dhaabbilee dhuunfaa itti dhiyeenyaan hordoofuun jajjabeessuufis jedhameera.

Oomishaafi oomishtummaa Indaastiriwwan guddisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjetamaa jiraachuu himan,keessattuu oomishaafi oomishtummaa gogaafi bu’aa gogaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa jiraachuu himan.

Yeroo ammaa kana akka biyyaatti Indaastiriwwan Ggogaa gurguddaafi xixiqqaa 27 jiraachuu himuun,kana keessaa indaastiriwwan 19 oomisha fooyya’aa oomishaa jirus jedhan.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.