Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsonni Ameerikaa shan bubbee cimaan rukutaman

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) – Balaa bubbee cimaa bulchiinsoota Ameerikaa shan keessaati qaqqabeen lubbuun namoota 80 darbuun, gandoonni barbadaa’aniiru.

Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan, balaa qaqqabee kanaan wal qabsiisee Keentaakiitti labsii yeroo ariifachiisaa labsaniiru.

Bulchiinsoota miidhaman deeggaruuf waada galaniiru.

Namoota balichaan du’aan 80 keessaa 70 kan ta’aan jiraattoota Keentaakii ta’uu isaanii beekameera.

Miidhaan qaqqabees dabaluu danda’aa sodaan jedhu jiraachuu ibsameera.

Bubbeen halkan tokkootti kutaa Ameerikaa barbadeessee kun seenaa biyyaatti keessaatti bubbeewwan muudataan keessaa isaa olaanaadha jedhan preezdaant Baayidaan.

Baayidaan ka’uumsa balichaan wal qabsiisa kana wanti jedhan hin jiru.

Preezdaantichi bakka balichi itti qaqqabees kan daawwatan ta’uu waada galuu  isaanii TRT gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.