Fana: At a Speed of Life!

Mana nyaata gosoota annaanii 207 qopheessuun beekkamtii gonfatee

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Manni nyaata gosoota annaanii 207 qopheessuun maamiltootaa isaaf dhiyyeessuun galmee dinqisiisoo addunyarratti galma’eera.

Afrikaa kibbaatti magaalaa Keeptaawuunitti mannii nyaata Giibsaan ulagaa kan gutee fi fayyidalee adda addaa kan of keessaa qabu gosoota annaanii 207 qopheessuun gaba dhiyeessuun isaa hedduun ajabsifameera.

Mannii nyaatichaa galmee dinqisiisoo addunyaarratti galma’uuf waggaa tokkoo fi walakkaa qophii taasisaa turuusa beeksiseera.
Tibba darbe bakkaa abbootiin murtii galmee dinqisiisoo addunyaa argamanitti sagantaa gosoota annaanii hunda tokkoo tokkoon itti agarsiisuusa qopheesseera.
Maddi:-www.upi.com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.