Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa garee shororkeessaa ABUTtiin barbadaa’an deebisanii ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) – Manneen barnootaa garee shororkeessaa ABUTtiin barbadaa’an deebisanii ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Nagaan ibsan.

Jilli Proofeesar Birihaanuun durfamu Godina Walloo Kaabaatti Manneen Barnootaa aanaa Maqeetiitti garee shororkeessaa ABUTtiin barbadaa’aan daawwateera.

Bu’uuraaleen misoomaa fi Meeshaaleen manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa aanichaa guutumaan guutuutti barbadaa’uu ibsameera.

Manneen barnootaa garichi saamee fi barbadeesse deebisanii ijaaruuf sochiin eegalamuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanaa Maqeetirraa argame ni muul’isa.

Naannoo Amaaraatti qofa Manneen barnootaa kuma 4 ol garee Shororkeessaa ABUTtiin barbadaa’uu himameera.

Daa’imman miiliyoona 1.9 barnootaa isaaniin ala ta’uus ibsameera.

Manneen barnootaa kana deebisaanii ijaaruuf Birrii Biiliyoonni 11 ol kan barbaachisu ragaan Biiroon Barnootaa Naannoo Amaaraarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.