Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Arjoo, Fokkiisaa fi Booraan harkaa diinaa jalaa bilisooman

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FBC) – Duulli tokkummaa Sabdaneessaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu daandii guddaa Waldiyaa Maqalee geessu to’achuu ibsame.

Qaamoleen nageenyaa waloon adda waraanaa Bahaan xumura jala bultii garee shororkeessaa ABUT kan mirkaneessan gaarreen calcalaa Zoobil dabalatee magaaloota tarsiimoo waraanaaf murteessoo ta’an Arjoo, Fookiisaa fi Booraa to’annoo jala oolchaniiru.

Humni kun daandii Guddaa Waldaa Maqalee geessuu to’achhuun diinni karaa ba’umsaa dhabuun lubbuun dhidhiitachaa jiraachuu ibsameera.

Humni waloo kun Adda kanaan gaarreen tarsiimoo lolaaf murteessoo ta’an Dirree Rooqaa fi Sooddomaa to’achuun imala gara magaalaa Haraatti taasiisan itti fufuu ibsameera.

Adda Waraanaa Waacaaleen gaarreen olaanoo Ambaasaal dabalatee Roobiitii fi Golboo, aanaa Warra Iluun Miillee Kootichaa, Aanaa Habruun Koolboo, fi naannawaa Markattaa fi Fanjii to’achuun gara magaalaa Marsaatti imalaa jiraachuus eerameera.

Oppireeshinii addoota waraanaa kanneeniin gaggeeffameen miseensonni Garee Shororkeessaa ABUT hedduun barbadaa’uu fi booji’amuu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Garichi Miidhamtoota guyyoota hedduuf kuusee ture gatee dheeffuu ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.