Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan abbootii Gadaa Oromoo Muummee Ministira FDRI Abiy Ahimadiif beekamti kenne

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FCB ) – Gamtaan abbootii Gadaa Oromoo Muummee Ministira FDRI Abiy Ahimad injifannoo adda waraanaatti galmeessaniif beekamti kenneera.
Gamtaan abbootii Gadaa kun maqaa Abbichuu Abbaa Biyyaa jechuun Muummee Ministira FDRI Abiy Ahimad moggaseera jedhan Itti aanaa Walitti Qabaan Gamtaa abbootii Gadaa Oromoo Abbaa gadaa Kuraa jaarsoo.
Ajjeechaa mineensoota abbootii Gadaa Karraayyurratti rawwatame Gamtaan abbootii Gadaa Oromoo kunneen daraan balaalechuu himaniiru.
Mootumman yeroo dhiyootti qaamoolee ajjeechaa kana raawwatan qoratee hawaasaf ifoomsuu akka qabu gaafataniiru.
Mineensoonni shanee bosona jiran karaa nagaan hawaasa isaaniiti harkaa kennachuu akka qaban waamichaa dabarsaniiru.
Barreessa fi waliitti qabaa Gumii abbootiii Gadaa Oromoo Goobana Hoolaan, injiffannoo Abbichuun galmeessiniif Gamtaan Abbootti Gadaa beekkamtii kennuu eeraniiru.
Hojiileen olaantumma Ityoophiyaa mirkaneessuuf Muummee Ministira FDRI Abiy Ahimad hojjetan biyyattiirraa darbee biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’eera jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolan.
Lammiileen biyyattii biyyaa Keessa fi alaa injiffannoo argamee itti fufsisuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qaban dhaabaniiru.
Gammachuu Beekumatu gabaasee.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.