Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli hawaasummaa hawaasni barnootaa torbee tokkoof laataa turan bu’aa qabeessa ture – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FCB ) – Tajaajilli hawaasummaa hawaasni barnootaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa torbee tokkoof laataa turan bu’aa qabeessa ture jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Saalamaawiit Kaasaan.
Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa torbee tokkoof barnoota dhaabuun hojiilee hawaasummaa garaagaraatti tajaajilaa laachaa turaniiru.
Barsisonnii fi barattoonni kunneen torbee tokkoof hojii oomisha qonnaa walitti qabuu, dhiiga arjoomuu, Raayyaa Ittisaaf galaa qopheessuu fi lammiilee buqqa’aniif qabeenya walitti qabaa turu ibsaniiru.
Hawaasni barnootaa kun torbee tokkoof tajaajila hawaasummaa bu’aa qabeessa ta’e hojjechuu isaanii kaasaniiru.
Sagantaan kun barattoonni jireenya hawaasummaa hawaasa biyyattii akka hubatan gumaata olaanaa taasiiseera jedhan.
Barattoonni torbee tokkoof hojii tajaajila hawaasummaa garaagaraa laachaa turan kunneen Wiixata dhufarraa eegalee gara barnoota isaaniitti kan deebi’an ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan barattoota, Barsiisotaa fi hawaasa manneen barnootaa tajaajila hawaasummaa garaagaraa laata turan kanneen galateeffateera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.