Fana: At a Speed of Life!

Lafti seeran ala qabamee ture hektaarri kumni dhibbi 5 fi kumni 60 gara Baankii lafaatti akka deebi’u murtaa’e

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FCB ) – Magaalaa Finfinneetti Lafti seeran ala qabamee ture hektaarri kumni dhibbi 5 fi kumni 60 fi 233 gara Baankii lafaatti akka deebi’u murtaa’uu ibsameera.
Magaalichatti qorannoo kutaalee magaalichaa 10 keessatti gaggeeffameen Lafti seeran ala qabamee ture hektaarri kumni dhibbi 5 fi kumni 60 fi 233 sababa dhorkama Mana Murtiin gara Baankii Lafaatti akka deebi’u murtaa’uu Biiroon Kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee ibsa laateen himeera.
Manni Murtii lafa ijaarsi kamiiyyuu irratti hin raawwatame hundirratti dhorkaa kaa’eera.
Iddooleen dhorkaan irra kaa’ame kunneen sanada ragaa abbaa qabeenyummaa kamiiyyuu kan hin qabaanne ta’uu qorannoo oodiitiin mirkanaa’uu ibsameera.
Qaamoleen dhimmi ilaallatu adeemsa seeraan itti gaafatamummaa isaanii akka ba’anii fi hojjetan waamichi dhiyaachuu ragaan Biiroo Dhimoota Kominikeeshinii Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.