Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen haqaa fi ogeeyyiin mirga namoomaa kabachiisuuf qooda olaanaa qabaachuu eerame

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC) – Dhaabbileen haqaa fi ogeeyyiin haqaa mirga namoomaa kabachiisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.
Guyyaan Mirga namoomaa mata duree ‘’dhaabbileen haqaa haqaaf yaa dhaabbannu, loogii yaa hambifnu, Mirga namoomaa yaadursinu’’ jedhuun marii paanaaliin kabajameera.
Sirna kabaja ayyaanichaarratti barreeffamni ka’umsaa marii lama dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Dhimmi Mirga namoomaa dhimma qaama hundaa ta’uus dhaabbileen Haqaa caalmaatti itti gaafatamummaa qabaachuu Preezdaantiin Mana Murtii olaanaa Federaalaa fi walitti qabaan qaamolee qindoomaa haqaa Birihaana Masqal Waaggaarriin ibsaniiru.
Uwwisa haqaa mirkaneessuuf hojmaata diriirsuu fi Gurmaa’iinsa babal’isuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Ogeeyyii haqaa ga’oomsuu fi mirga namoomaa qaama hojii idilee taasiisuun hojjetamuu akka qabu kallattii xiyyeeffannoo ta’uu ka’eera.
Jijjiirrama dhufe hordofee fooyya’iinsii fi sirni haqaa walabaa fi of danda’e diriirfamuu Itti Aanaan Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa obbo Salamoon Araddaan ibsaniiru.
Sirna haqaa amanamaa fi fudhatama qabu mirkaneessuuf hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Guyyaan Mirga Namoomaa akka idil addunyaatti yeroo 73ffaaf akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 3ffaaf Dhaabbilee qindoomaa haqaan kabajamuu ibsameera.
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.