Fana: At a Speed of Life!

Biraazilitti balaa lolaa fi sigiga lafaan lubuun namoota 30 darbe

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Biraazilitti rooba cimaa roobeen walqabatee balaa lolaa fi sigiga lafaa uumameen lubbuun namoota 30 darbe.

Rooba cimaa bulchiinsa Miinaas Geraaysi roobeen namoota du’an dabalatee namoonni 17 eessa akka bu’an hin beekamne.

Lammiileen biyyattii kuma 2 fi 500 ol sababa balaa kanaan qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aniiru.

Lubbuu baraartoonni namoota lubbuun hafan barbabaadu eegalaniiru.

Maddi: BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.