Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni jijjirama hunda galeessa manneen Murtii Oromiyaa milkeessuuf hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC) – Leenjiin danddeettii raawwachiisummaa hoggantoota manneen Murtii Oromiyaa magaalaa Adaamaatti kennamaaa jira.
Leenjichas Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi dhaabata UNDP jedhamutti waloon qopheesse jedhame.
Leenjiin kunis ‘jijjiiramnee jijjirama hunda galeessa manneen Murtii Oromiyaa milkeessuuf haa hojjanu’ mata duree jedhuun kennamaa jira.
Leenjii danddeettii raawwachiisummaa hoggantoota manneen Murtii Oromiyaa kanarratti itti aanaa Preezdantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo dabalatee hoggantoonni manneen Murtii Oromiyaa hirmaataniiru.
Kaayyoon leenjichaas hoggantoonnii manneen Murtii danddeettii raawwachiisummaa isaanii gabbiffachuun kenna tajaajila haqa qabeessa,qulqullaa’aa, amanamuummaa fi naamusa hojii gonfateen jijjirama hunda galeessa manneen Murtii Oromiyaa milkeessuufi jedhame.
Amartii Tasfaayeetu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.