Lammiileen Ityoophiyaa Biriitaaniyaa Magaalaa Liidis jiraatan lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 3.4 taasiisan
Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni Ityoophiyaa Biriitaaniyaa Magaalaa Liidis fi naannawa ishee jiraatan lammiilee qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif Birrii miiliyoona 3.4 deeggarsa taasiisaniiru.
Deeggarsicha Imbaasii Ityoophiyaa Landanitti argamutti laachuu ibsameera.
Lammiileen kunnee Mata dure ‘’ Ani oso jiru lammiin kiyya hin beela’u’’ jedhun Birri miiliyoona 3.4 ol(Paawuundi Inglizi kuma 45) walitti qabuun Imbaasi Itoophiyaaf dabarsani kennaniru.
Landanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Amaasaaddar Tafarii Mallas sirna walharkaa fuudhaniisa kanarratti dhalattoonniifi lammiileen Ityoophiyaa gidduu seentummaa alaa fi dhiibbaa hin mallee Ityoophiyaarraan gahaa jiran balaaleffachuun hiriirri nagaa gaggeessan kan dinqisiifamudha jedhan.
Ji’oottan lamaan darban Yuunaayitid Kingidam Magaalota Landan, Bermiinghaam, Maanchiister, Kooventerii, Stookoon Treentitti sagantaa galii waliitti qabuu qophaa’erratti Paawundii kuma dhibba 3 fi kuma 50 waliitti qabamuu Ambaasaaddar Tafarii Mallas himuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.