Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Bulee Horaa horsiisee bultoota godina Gujii hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisuu ibse

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Bulee Horaa horsiisee bultoota godina Gujii hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisuu ibseera.

Godinichatti horsiisee bultoota sababa hongeetin tumsa barbaadaniif deeggersi taasifamaa jiru cimee itti fufeera.

Yuunvarsiitichi Godina Gujii Aanaa Sabbaa Booruu hongeen miidhamaniif Boqolloo kuntaala, marga beeyladootaa biituun laateera.

Daayrikteerri Tajaajila Hawaasaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa Obbo Xissoo Goobanaa, Yuunvarsiitiichi hojiiwwan baruu fi barsiisuu akkasumas qorannoo gaggeessuu cinatti rakkoowwan hawaasa muudatan kamiyyuu bira dhaabbachuun furuuf dirqama waan qabuuf Horsiisee Bultoota kanneeniif deeggarsa taasiseera.

Bulchaan Aanaa Horsiisee Bulaa Sabbaa Boruu Obbo Kifilee Adoolaa fi jiraattonni aanichaa Yuunvasiitii Bulee Horaa deeggersaan isaan bira dhaabbate galateeffachuun ragaan BDHKMNO irra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.