Fana: At a Speed of Life!

Suphaan Sarara daddabrsa humnaa olaanaan Karraqoree – Kamisee xumuramuun tajaajila eegale

Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Suphaan Sarara daddabrsa humnaa Elektirikaa olaanaan Karraqoree – Kamisee xumuramuun tajaajila eegaluu Tajaajilli Humna Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiisera.
Hojiin suphaa hojjetamaa turuun sararichi har’a Magaaloota hanga Kamisee jiraniif tajaajila laachuu eegaleera jedhame.
Magaalonni Dabra Birihaanii hanga Kombolchaatti jiran sarara abbaa Kiiloo Vooltii 132 fi 230 humna elektirikaa argachaa kan turan yoo ta’uu, sababa walitti bu’iinsaan miidhaan irra qaqqabuu ibsameera.
Sarara Abbaa Kiiloo Vooltii 132 saffisaan suphuun hawaasni hanga Magaalaa Kamiseetti jiran Tajaajila humna elektirikaa akka argatan taasiifamuu dhaabbatichi himeera.
Hojiin suphaa kun Magaalaa Dassee hanga Harbuutti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Tajaajila Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Sararri daddabarsa humnaa olaanaa Miillee – Baatiis meeshaalee waraanaa gurduddon barbadaa’uu isaan hojiin deebisanii ijaaruu hojjetamuu eegaluu himameera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.