Gatii gurgurtaa qinxaaboo boba’aarratti sirreeffamni taasifame
Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Gatii gurgurtaa qinxabroo boba’aa baatii Muddee irratti sirreeffamni taasifamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.
Ministeerichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ergeen gatiin gurgurtaa boba’aa gabaa addunyaa dabalata gatii agarsiisuu isaarraan kan ka’e sirreeffamni gatii taasifamuu ibseera.
Haaluma kanaan sirreeffama gatii Beenziinii irratti taasifameen baatii darbe kan ittiin gurguramaa turerratti daballii taasisuun liitiriin tokko Birrii 31 fi saantima 74 akka gurguramu murtaa’uu ibseera.
Bifuma walfakkaatuun Naafxaa Adiin Birrii 28 fi saantima 94, Gaazii Adiin Birrii 28 fi saantima 94, Naafxaa gurraachi salphaan Birrii 23 fi saantima 73, Naafxaa gurraachi jabaan Birrii 23 fi saantima 29 akkasumas boba’aan xiyyaaraa Birrii 58 fi saantima 77 kan gurguramu ta’uu ministeerichi ibseera.
Naannoo Keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.