Ayyaana Qillee Laallibalaatti kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Ayyaana Qillee Laallibalaatti ayyaana Cuuphaa ammoo Goondaritti haala ho’aa ta’een kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Tuurizimii naannoo Amaaraa beeksise.
Hogganaan biirichaa obbo Xaahir Mahaammad magaalaa Laallibalaatti miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Sochii tuurizimii dadhabe kaasuuf akkasumas hawaasa naannichaa siyaasaa fi diinagdeen miidhame deeggaruuf ayyaana Qillee bara kanaa haala adda ta’een kabajuuf koreen dhaabbatee hojiileen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa kanneen akka geejjibaa, Bishaanii fi Elektirikaa garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an yeroo gabaabaa keessatti deebisanii misoomsuuf wantoonni barbaachisan adda ba’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaanonni, michuuwwan Ityoophiyaa ardii mararra jiranii fi dhalattoonni Ityoophiyaa ayyaanicha kabajuuf dhufan eebba amantaa isaarraa qoodachuurra darbee uummata naannichaan isin faana jirra akka jedhan waamicha dabarsaniiru.
Minyichil Azazawutu gabaase.
Naannoo Keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.