Yuuniiseef lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 13 ol taasise
Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC)–Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni gargaarsa daa’immanii (UNICEF) lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee wal’aansa fayyaa Birrii miiliyoona 13 fi kuma dhibba 5tti tilmaamamu taasiseera.
Hanga yoonaatti dhaabbatichi deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 60tti shallagamu taasisuu naannoo Amaaraatti qindeessaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Addisuu Caannee ibsaniiru.
Naannoo Amaaraatti hogganaan qajeelcha fayyaa godina shawaa kaabaa obbo Gasix Xilaahuun deeggarsa taasifameef galateeffachuun dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif taasisan cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.
Samaraawwit Yasigaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.