Fana: At a Speed of Life!

Gareewwan shororkeessitootaa Ityoophiyaa diiguuf ka’an diigamaa jiru- Hayyoota

Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC)– Gareewwan shororkeessitootaa Ityoophiyaa diiguuf ka’an diigamaa jiraachuu hayyootni ibsan.

“Duulli tokkummaa sabdaneessaaf” jedhu hoggansa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin yeroo gabaabaa keessatti ergama biyya baraaruu milkeessaa jiraachuu Yuunvarsiitii Siiviil Sarvisiitti qorataan bulchiinsa Uummataa fi mootummaa Dooktar Mahaammad Alii ibsaniiru.

Injifannoon argame garee shororkeessaa ABUT qofa osoo hin taane biyyoota guddatan garicha ajajaa turan qaanessuu eeraniiru.

Gareen shororkeessaa kun tumsa uummataatiin diigamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yuunvarsiitii Walqixxeetti barsiisaa seeraa kan ta’an obbo Hayiluu Naggaa gamasaaniin, gareen shororkeessaa ABUT faayidaa mataasaaf jecha uummata gatii baasisaa jiraachuu fi humna badii ta’uu kaasaniiru.

Uummanni adda waraanaa hundatti duulee jiru tokkummaa isaa cimsee jiraachuu hayyoonni kunneen eeraniiru.

Fuuldurattis garee shororkeessaan kun haala biyyattiif yaaddoo ta’uu hin dandeennyetti hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Hayilayyasuus Makonnintu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.