Gareen shororkeessaa ABUT ajjeechaa jumlaa raawwateera-Billanee Siyyuum
Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT ajjeechaa jumlaa raawwateera jechuun Itti gaafatamtuun Diijitaal Miidiyaa fi Afaanota Alaa Seekretariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa Billanee Siyyuum ibsaniiru.
Billanee Siyyuum, miidiyaalee idil addunyaaf ibsa laataniin gareen shororkeessaa ABUT naannolee lamaaniitti weerara raawwateen kisaaraa olaanaa namoomaa fi meeshaalee qaqqabsiisuu ibsaniiru.
Keessayu naannoo Amaaraa Antsookiyaa fi Gaashanaatti awwaalchi jumlaan argamuu ibsaniiru.
Kanaarra darbee naannolee Amaaraa fi Affaaritti lammiilee nagaarratti ajjeechaa raawwachuun kan ibsa Billaneen, dubartoota gudeeduun qabeenyaa barbadeessuu isaa ibsichaan kaasaniiru.
Garichi naannolee lamaanitti weerara raawwateen lammiilee lakkoofsaan heddumaataan qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqiseera jedhaniiru.
Akkasumas tajaajila dhaabbilee hawaasaa dabalatee bu’uuraalee misoomaa barbadeesseera jedhan.
Gareen shororkeessaa ABUT barbada’aa jiraachuu fi hidhattoonni isaa filannoon dhiyaateen harka isaanii laachaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaanis lammiilee buqqa’aaniif deeggarsa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.