Faransaay lammiilee kutaa kaabaa Ityoophiyaatti waraanaan miidhamaniif deeggarsa taasifte
Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC)- Faransaay lammiilee kutaa kaabaa Ityoophiyaatti waraanaan miidhamaniif deeggarsa Yuuroo kuma 500 taasifteetti.
Deeggarsichi kaabaa Ityoophiyaatti kutaa naannolee saditti lammiilee sababa waraanaatin miidhamaniif kan ooluudha jedhameera.
Abbootii warraa 60’f sanyii, meeshaalee qonnaa, meeshaalee bu’uuraa fi lammiilee buqqatoota kuma 100 fi kuma 30 qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’an bayyanachiisuuf hojiirra kan ooluu ta’uu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Faransaay irra argamee nimuul’dhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.