Guyyoota ittaananitti hojiin suphaa sarara elektirikaa Karra Qoree hanga Kamisee jiru ni hojjetama
Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC) – Guyyoota ittaananitti hojiin suphaa sarara elektirikaa Karra Qoree hanga Kamisee jiru kan hojjetamu ta’uu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.
Sararoonni daddabarsa elektirikaa Shawaa Roobiitii hanga Karra Qoree garee shororkeessaa ABUTiin miidhaan irra ga’ee ture suphamanii xumuramuu ibsameera.
Magaaloota Shawaa Roobiit, Jawuhaa, Sanbatee, Axaayyee fi Karra Qoreetti sararoota humna olaanaa daddabarsan suphuun humna sararoota raabsaaf akka kennaniif qophiin taasifamaa jiraachuu beeksifameera.
Hojiin suphaa kun akka xumurameen magaalonni kunneenii fi gandoonni baadiyyaa naannoo sanaa tajaajila kan argatan ta’uu ibsameera.
Guyyoota itti aananittis sararri daddabarsa elektirikaa Karra Qoree hanga Kamisee jiru kan hojjetamu ta’uu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.