Finfinneen jaalalaa fi gammachuun isin eegdi – Aadde Adaanach
Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) -Ilmaan Ityoophiyaa fi michuuwwan ishee guutuu addunyaarra jiraatan Ayyaana bara haaraa Ityoophiyaatti akka kabajaniif waamichi taasiifameef hundaaf Finfinneen jaalalaa fi gammachuun isin eegdi jedhan kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
Humnoota halaalaa fi dhiheenyatiin balaa birmadummaa nu qunname tokkummaan ofirraa ittisuu fi moo’uun, Injifannoo galmeessuun Adda babbahii Ityoophiyaa akka dhaabbannu amanuun bakka jirtanitti sagalee keessan olkaastanii dhugaa ltyoophiyaa addunyaa guutuu dhageessisaa kan jirtan dhaqqabdoota ilmaan Ityoophiyaa gaafa rakkoo yaamicha kabajamoo Muummee Ministiraa Abiy Ahimad fudhachuun ayyana gannaa bakka jirtanii tokkummaan walitti dhuftanii biyya keessan Ityoophiyaatti akka kabajdaniif magaalaan keessan akkuma maqaa ishee Abaaboo fakkaattee ,qilleensa nagaa baafachaa gammachuudhaan ilmaankoo baga nagaan dhuftan jettee isin simachuuf haalduree hunda xumurtee isin eegdi jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Ityoophiyaan tattaaffii fi gatii ilmaa inshee haqaa kanfalaniin hanga dhumaatti ni jiraatti.
Waaqni Ityoophiyaa fi ilmaan ishee baayyisee haa eebbisu!
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.