Barattoonni baadiyyaa oomisha ga’e walitti qabuun, kan magaalaa maatii milishaa adda waraanaa jiran tumsuuf of qopheessuu qabu – Biiroon Barnootaa Oromiyaa
Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Barattoonni baadiyyaa oomisha ga’e walitti qabuun, kan magaalaatti maatii milishaa adda waraanaa jiran tumsuuf of qopheessuu akka qaban Biiroon Barnootaa Oromiyaa hubachiise.
Borurraa eegalee Oromiyaa keessatti Barattoonni baadiyyaatti oomisha ga’e walitti qabuun, magaalaatti ammoo maatii milishaa bifa adda addatiin tumsuuf of qopheessuu qabu jedhan Itti aanaa Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Efireem Tassammaa ibsaniiru.
Warri duulan biyya isaaniif lubbuu isaanii warra wareeguuf of qopheessaniifi warra birmadumaa biyyaaf dhaabbatan ta’uun hubatamee, maatii warra duulanii kanneen oomisha isaanii ga’e qisaasama tokkomalee walitti qabuu fi maatisaanii bira dhaabbachuun barattoonnii fi barsiistoonni Oromiyaa tumsa barame gochuu qabu jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Sadaasa 27 bara 2014 hanga Muddee 3,bara 2014’tti Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa cufamuun baratoonni,Barsiistoonniifi hojjetoonni bulchinsaa maatii warra duulaniif midhaan ga’e walitti qabuufi bifa adda addaatiin akka tumsaniif murtaa’uunsaa ni yaadatama.
Seektara Barnoota keessa qaamooleen jiran maallaqa walitti qabuun,dhiiga arjoomuufi galaa qopheessuun akka hirmaachuu qabanis muurteen dabree ture.
Oromiyaa keessaatti Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Kuma 1fi 342 keessatti, barattoonni miiliyoona 1 fi Kumni 302 fi 16 ol barachaa jiru.
Barsiistoonni kuma 44 fi 390’n ammoo manneen barnootaa sadrakaa 2ffaa keessatti barsiisaa akka jiran Ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni muldhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.