Fana: At a Speed of Life!

Warreen Ityoophiyaa abdii kutachiisuuf dhama’an ofiif abdii kutatan – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Warreen Ityoophiyaa abdii kutachiisuuf dhama’an ofiif abdii kutatan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Ityoophiyaa jechuun wayita tuqan humna akka qabdu hunduu ni beeka jedhan.

Ityoophiyaa kan hin beekne irratti ka’an, itti duulan, kan beekan waliin ka’an, waliin duulan jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad adda waraanaatti argamuun iddoolee gareen shororkeessaa ABUT weeraree hojii qulqulleessuu hogganurratti argamu.

Duulli tokkummaa sabdaneessaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin hogganamu adda waraanaa hundatti garee shororkeessaa ABUT barbadeessaa jira.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.