Fana: At a Speed of Life!

Akaakuun vaayrasii koroonaa haaraan ‘Omiikiroon’ jedhamu hanga ammaatti biyyoota 40 keessatti argame – DhFA

Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Akaakuun vaayrasii koroonaa haaraan ‘Omiikiroon’ jedhamu hanga ammaatti biyyoota 40 keessatti argamuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sababa akaakuu vaayrasii koronaa haaraa ‘Omiikiroon’ biyyoonni yaaddoo keessa galuu akka hin qabne hubachiiseera.

Vaayrasichi akka hin tatamsaane of-eeggannoo gochuudha malee, rifannaan akka hin barbaachifne ibseera.

Qorattuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Sooyumiyaa Shaaminaat, haalli addunyaan amma keessa jirtu kan waggaa darbeerraa adda jedhan.

Vaayrasiin kun talaalliidhaan qolatamuu danda’aa kan jedhuuf, hanga yoonaa wanti ifa ta’e hin jiru jedhan.

Dooktar Sooyumiyaa qorannoo Afrikaa Kibbaatti qoratame eeruun, ”akaakuun vaayrasii koroonaan kun sadarkaa olaanaadhaan tatamsa’uu danda’a,” jedhan.

Tilmaamuuf rakkisaa ta’us, akaakuun vaayrasii kanaa addunyaarratti saffisaan kan tamsa’u ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- BBC

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.