Fana: At a Speed of Life!

Waraanni gaggeeffamaa jiru shororkeessitota waliin qofa osoo hin taane fardeen isaanii dabalata – L/J Baacaa Dabalee

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Diinoota biyya keessaa humna alaa bakka bu’uun Ityooophiyaa waraanaa jiran tokkummaan ta’uun ni moo’anna jedhan Raayyaa Ittisaatti Qindeessaan hojiilee Raayyaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen.

Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen adda waraanaa Cifiraatti argamuun haasawa taasiisaniin miseensonni Raayyaa Ittisa goota ta’uu ibsaniiru.

Waraanni gaggeeffamaa jiru shororkeessitota waliin qofa osoo hin taane fardeen isaanii dabalata jedhan.

Dhaloonni ammaa garee shororkeessaa barbadeessuuf carraa argachuu isaatti gammaduu akka qabu kaasaniiru.

Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan ummanni Afaar Raayyaa Ittisaa cinaa ta’uun diina qolachaa jiraachuu ibsaniiru.

Gara fuulduraas garee shororkeessaa ABUT awwaaluuf deeggarsa hunda galeessa kan taasiisu ta’uu dubbataniiru.

Lolli gaggeeffamaa jiru lola Afrikaa fi gurraachotaa ta’uu Atleet Hayilee Gabrasillaaseen himuu isaa ragaan Ministeera Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.