Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa garaagaraaf haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa laatan
Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa garaagaraaf haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Minitiroota Ministeera Dhimma Alaa Seeneegaal, Zimbaabwee, Kaameeruunii fi Kootdiivaariif haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Ministiroota Dhimma Alaa kanneen waliin dhimmoota haala yeroo fi naannawaarratti mari’achuu ibsameera.
Akkasumas dhimmoota biyyaalessaa, hidha haaromsa guddichaa fi waldhabdee daangaa Ityoo-Sudaanirratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.