Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni magaalaa Buraayyuu birmadummaa biyya keenyaa kabachiisuuf tokkummaan ni dhaabbannaa jedhan

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti hiriirri deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa fi balaaleffannaa garee shorokeessaa ABUT fi Shanee gaggeeffamaa jira.

Jiraattoonni magaalichaas dhaadannoowwan garaagaraa dhageessisaniiru.

Wayyaaneen waggoota 27’f Oromoo lafarraa balleessuuf boolla inni hin seenne hin jiru jedhaniiru.

Kaan ajjeesee,kaan kolaasee, gariimmoo qaama miidhamaa taasiseera.

Dararaa guddaa uummata Oromoorraan geessisaa ture himamee hin dhumu jedhan hirmaattoonni hiriiricha.

Gareen badii kuni kan kanaan dura waggoota hedduuf uummata dararaa ture ammas aangootti ol bahuuf wixxirfataa jira.

Keessattuu biyyoota Lixaa daheeffachuun gara aangootti bahuu yaalaa jira. Osoo nuti jirruu kuni tasumaa hin yaadamus jedhaniiru.

Miidiyaalee olola sobaa afarsan CNN, Aljeeziiraa, BBC balaaleffataniiru.

Hiriiricharraatti haasaa kan taasisaan kantiibaan magaalaa Buraayyuu obbo Jagnaaw Gizaw, Uummanni magaalichaa duula Juuntaan nu banee qolachuuf deeggarsa keessan cimsitanii itti fuftan kabajaanan isin gaafadha jedhaniiru.
Dhiibbaa biyyoonni alaa Ityoophiyaarratti taasisaa jiraaniis balaaleeffachuun tokkummaa biyyaatti kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Muummicha Ministiraa Abiy Ahimad waliin taanee akka diina injifannu shakki hin qabnu jedhan.
Nuti ilmaan goototaati, ilmaan Adawaadha kanaafuu hin injifatamnu. Nuti tokko taanaan humni nu dhaabu hin jiru jedhan.
Kallattii hundaan raayyaa ittisa biyyaa keenya deeggaruu qabna jedhaniiru.
Juuntaa fi Shaneen hanga awwaalamaniittis boodatti hin deebinuu jedhaniiru.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.